Facebook ergaa barreeffamaa (text message) irratti tajaajila haaraya jalqabuu beeksise.

Written on 02/06/2019
Nuuralhudaa

Dhaabbanni Facebook fayyadamtoonni isaa ergaa barreeffamaa (text message) tokko eega erganii booda yoo kan gaabban tahe, daqiiqaa 10 keessatti balleessuu akka dandahaniif tajaajila “Remove”jedhu kan jalqabe tahuun beekamee jira.

Kanaan dura namni tokko Applikeeshiina messenger irrattis  tahe gama Facebook’n barreeffama tokko eega ergee booda haala kamiinuu haqus tahe fooyyessuu hin danda’u ture.