Kaampaaniin Google Earphone Ajaa’ibaa tokko hojjate. Earphone Bluutuuzaan dalagu kun, Afaan 40 hiikuu dandaha. kanaafuu namni Afaan ingiliffaa beeku, nama Afaan chaayinaa malee afaan biroo hin beeyne wajjiin walii galuuf deema jechu. Earphone kun chaarjii elektriikaatiin hojjata. eega yeroo takka chaarjii gootanii booda, Bluetooth fayyadamtanii telefoona keeysaniin wal qabsiistan. achi booda Chaayinaa ykn Lammii Hindii dura dhaabbattanii Afaan Ingiliffaatiin itti haasoytan. Namichis Afaanuma beekuun isinii deebisa. yeroo kana waan inni Afaan chaayinaatiin dubbate, gama Ingiliffaa isiniif hiika. waan isin Ingiliffaan itti dubbattanis, Spiikara telefoonaatiin gama Afaan Chaayinaa Hiikaaf.
Earphone Afaan Namaa Hiiku
Written on 12/08/2017
nuuralhudaa
Comments
No comment
Yaada Kee nuuf Gumaachi!