Kaampaanii Telefoona SMART tahan oomishan Keessaa sadarkaa lammaffaa irratti kan argamu Kaampaanii Chaayinaa HUAWEI jedhamuun beekamu yoo tahu, biyyoota bilbila kana fayyadamuun beekaman Keessaa tokko biyyi teenya Ityoophiyaan tan duraati.
Biyyoonni gurguddoon addunyaa kanneen akka Ameerikaa, Kanaadaa, Awustiraaliyaa, Biriteen fi biyyoonni hedduun Kaampaanii kana yakkaan himatuun, biyya isaanii keessaatti akka hin hojjanne ugguraa jiru.
HUAWEI’n Yakka maaliin himatame?
Ameerikaa dabalatee biyyonni hedduun, Kaampaaniin kun odeeyfannoo biyyoota gara garaa mootummaa Chaayinaatiif dabarsee kenna jedhan.
Kaampaanichi immoo Yakka irratti dhiyaate kana ni haala.
Facebook fi Google maaliif hin hojjanne?
Kampaanoonni teknolojii gurguddoon kunniin Ameerikaa keessaatti argamu. Sabaaba kanaaf Feesbuuk June 7/2019 irraa jalqabee telefoonota Kaampaaniin HUAWEI oomishu kan ammaan booda bahan irratti kan hin hojjanne tahuu beeksiise. Haaluma wal fakkaatuun Appilikeeshiinonni Kaampaanii Feesbuuk kanneen akka WhatsApp fi Instgram HUWAEI irratti hin dalagan. Google immoo ji’a dabre keessa walitti hidhata Kaampaanii HUAWEI waliin qabu kan addaan kute tahuu ibse. Haaluma kanaan tajaajiloonni Google kanneen akka youtube, gmail, google play store, google drive, google Map fi kanneen biroo heddu telefoona HUWAEI irratti hin hojjatan jechuudha.