Kopheen Kun Jalqaba Dhiiraaf Hojjatamuu Quba Qabduu?

11/14/2024

Kopeen kun biyya teenyatti Hiil jedhamee yaamama. Faashinni kun jaarraa 10ffaa keessa akka jalqabame himama. Yeroo sanitti farda qabaachuun mallattoo durummaa fi aangooti. Dureeyyiin hedduun farda waan qabaniif, geejjibaaf farda fayyadamu. haa ta’u malee miila faanoo keessa galchanii qabatuudhaaf hedduu rakkatan. Takkaa faanootu jalaa dheessa, ykn ammoo miila isaaniitu hulluuqee faanoo keessa dabra. Kana hunda hambisuudhaaf akka miilli faanoo jabeessee qabatuuf jecha kophee hiil jedhamu kana hojjatanii namoota farda qabaniif gurguruu eegalan. Achi booda loltoonni biyyoota garagaraatis faaydaa kophee kanaa arganii ittiin loluuf bitachuu jalqaban. Jaarraa 17ffaa keessatti faashinni kun daran jabaatee itti fufe. Inumaa namni farda hin qabnes kophee kana bitatee godhatuu jalqabe. Dhiira qofa osoo hin taane, dubartoonnis kophee kana hedduminaan godhatuu jalqaban. Booda irratti warri dhiiraa dhiisee, dubartoonni qofti itti hafan. Yeroo ammaa kana ammoo kopheen kun guutumatti kan dubartootaa tahee jira. Dhiirri kophee kana hin godhatu. Dhiiraaf akka salphinaatti laalama. Yeroon akkanatti waa jijjiirti.

Bineensa Ergisaa beeytuu?

Niyaalaan bineensa Itoophiyaa keessatti beekamuudha. Haaluma wal fakkaatuun Kaangaaruunis qabeenya Awustiraaliyaati. Biyyoonni heddu bineensa dhuunfaa isaanii kan ittiin beekaman qaban. Chaayinaan bineensa Paandaa jedhamuun beekamti. Paandaan Chaayinaa malee bakka biroo hin jiru. Kanaaf biyyattiin akka qabeenya dhuunfaa isiitti laalti. Akka sanyiin isaa biyyarraa bahee bakka birootti wal hin gorre eegumsa Guddaa gooti. Tahus garuu bineensi kun paarkiiwwan biyyoota gurguddatanii muraasa keessa ni jira. Haalli Paandaan biyyoota biroo itti dhaquu dandahu hedduu nama ajaa’ibsiisa.

Paarkiin tokko bineensa kana yoo barbaade, xalayaa barreessee mootummaa Chaayinaatti iyyata. Mootummaan Chaayinaatis iyyannoo isaa madaalee, haala qilleensaa fi qulqullina paarkichaa qoratee hayyama kennaaf. Yeroo hayyama kennuuf kanas ulaagaalee heddu wajjiin itti kenna. Paarkiin bineensa kana barbaadus ulaagaa barbaachisu hunda guutuuf walii galee eega mallatteessee booda bineensa kana ergifata. Kana booda Paandaan ergisaa kun xayyaaraan fe’amee gama paarkii sanii geeffama. Hanga guyyaan ergisaa xumuramutti paarkichi galii guddaa irraa argata. Gaafa guyyaan ergisaa xumurame ammoo xayyaaraan fe’ee iddoo qubsuma isaatti deebisa.

Qophii: Abuu Ibtisaam