Arrii haalluu gurraacha dibuun hayyamamaa?

Posted on 10/02/2022
|

Gaafii: Nama osoo umriin hin gahin arriin itti heddummaatte, arrii san halluu gurraachaan dhoysuun akkamitti laallama?

Deebisaa: Waan gurraachaan arrii halluun dhoorgamaadha. Wanti kun manguddoota qofaafi moo dargaggoota umrii malee arraayaniifis dhoorgaadha waan jedhurratti, ulamaa’iin akka Ibnu Baaz faati, manguddootaafii dargaggootaafis dhoorkaadha jedhan. Namoonni rifeensa arraaye qaban; halluu gurraacha hin tahin ka birootiin ofirraa jijjiiruu mirga qaban. Gurraacha ofirraa dhiisutu gaariidha.

Sheikh Abdussalaam Xaahir


Fatwaa Ulamaa’ii Biyya Alaa link kanarraa dubbisaa
https://fataawaa.nuuralhudaa.com/fnh/572/